Skip to main content

King Kaawuntii keessatti talaallii argachuu

King Kaawuntii keessatti talaallii argachuu

Ebla 28, 2023: Talaalliin haaromfame (bivalent) nama umuriin isaa ji'a 6 fi isaa ol ta'e hundaaf ni gorfama.

Ebla 19, 2023: eegalee talaalliiwwan COVID-19 CDC dhaan gorfaman:

Namni umuriin isaa waggaa 6 fi isaa ol ta'e hundi talaallii yeroo kan fooya’e (Ingiliffa qofa) argatee jira jechuudhaaf talaallii COVID-19 fooya’e 1 kan Pfizer ykn Moderna fudhachuu qaba.

Namoonni tokko tokko buusatarii COVID-19 dabalataa argachuu malu:

  • Namoonni umuriin isaanii waggaa 65 fi isaa ol ta’e tarii talaallii buustarii COVID-19 haaromfame dabalataa doozii 1, eega talaallii COVID-19 haaromfame 1ffaa argatanii ji’oota 4 ykn isaa ol booda fudhachuu ni danda’u.
  • Namoonni dandeettiin dhukkuba ofirraa ittisuu qaama isaanii giddu galeessaan ykn haalaan hir’ate talaallii COVID-19 1ffaa haaromfame booda ji’a 2 fi isaa ol booda doosii COVID-19 buustarii 1 dabalataan argachuu ni danda’u.

Daa’imman umuriin isaanii ji’a 6–waggaa 5 ta’e kan yeroo ammaa ykn foya’aa akka ta’uufif talaallii COVID-19 dachaa ykn heddu barbaachisuu danda’a, yoo xiqqaate doosii Pfizer ykn Moderna haaromfame 1 dabalatee. Baay’ina doosiiwwan kanaan dura fudhataniifi umurii isaanii irratti hundaa’a.

Maaloo doosiin meeqa akka isin barbaachisu gaaffii yoo qabaattan ogeessa fayyaa keessan gaafadhaa.

Odeeffannoo talaallii dabalataaf, gara COVID-19 Vaccine page Kutaa Fayyaa Mootuuma Waashingitan irraa daawwadhaa.


Odeeffannoo waa'ee haala talaalliin itti kennamu yerro dha garaa-yerrotti fooyya'aa baha. Nutis odeffffannowan fooyya'an kanaa safisaan issin bira gahuuf hojacha jiranulle, turjumanuu fi weebsayitti Kenya irra maxaansuu dhaaf yeroo fudchachu ni malaa. Obsa keessaniif galatoma.

Odeffannon Kenya inni dhiheenya Afaan Ingiliziitiin asitti kingcounty.gov/covid/vaccine.

Akkamitti talaallii argatu

Talaalliin kaffaaltii malee argamti odoo inshuuransii, lammummaa, ykn haalli baqatummaa kee akka fedhes tahees.

Eddoowaan talaalli itti keennan hedutti dozii lammaffaa Modernaa fi Pfizer fudhachuu hindandeeta, odoo talaalli duraa bakka biraatis fudhateelle. Maalo kaardi ykn suuraa kaardi talaallii duraa itti fudhatin fidaa.

Drive through vaccination site

Waanti fiduu qabdan:

  • Waraqaa eenyummaa guyyaa dhalootaa qabu: Waraqaa eenyummaa isteetaa, gosaa, ykn federaalan kenname ykn hima bankii ykn nagahee kanfaltii kan maqaan kee irra jirus ni fayyada.
  • Uffata harkaa gabaabdu ykn isinirra lufu kan salphaata dacha’uuf salphaatti irree kee gubbaatti akka talalliidhaaf toltu keeyyadhu.
  • Waliigaltee nama gaa’eessa eeyyama qabuu: Yoo umrii 18 gadi taate, talaallii argachuuf waliigaltee nama gaa’eessa eeyyama qabu si barbaachisuu mala. Ofumaaf waliigaluu dandeessa yoo kan bilisa baatee taate, yoo nama gaa’eessa fuute/itti heerumte, ykn yoo bakkeen talaallii ati nama umriin daa’imaa bilchaate (Ingiliffaan) jedhee murteesse. Bakkeewwan talaallii martuu murtee umriin daa’imaa bilchaate kennuu hin danda’an. Odeeffannoon dabalataa daa’imanii fi ijoolle umuriin kudha sadii anga kudha sagalii jirtuu, hiikaawwan nama gaa’eesssa eeyyama qabuu dabalatee, asii gaditti dabalame. Yoo namni gaa’eesssi eeyyama qabuu si wajjin beellama talaallii irratti argamuu baate, waliigaltee nama gaa’eessa eeyyama qabuu ykn seeran bilisa ba’uu maalin akka mirkaneeffattu dhiyeessa talaallii kee wajjin ilaali.
  • Hanga yokiin doozii lammaffaa yokiin guddistuu talaallii fudhachaa yoo jiraattan Waraqaa Ragaa Talaallii CDC keessan Ragaan talaallii doozii haaraa waraqaa ragaa irratti ni dabalamuun ni ibsama.

Akkamitti achi dhaqqaddan:

Yoo King Kaawuntii keessa jiraatan fi beellama talaallii dhaquuf geejjiba barbaadan, filannoowwan baay’etu jira:

  • Geejjiba argachuu: Gara beellama talaallii keessaniitti geejjiba yoo feetan, marsaaratii www.findaride.org daawwadhaa yokiin lakkoofsa kana irratti leecalloo geejjibaaf bilbilaa 425-943-6760 (Wiixataa hanga Jimaataa, 8:30 a.m hanga 4 p.m tti. Hiikaa afaaniif lakkoofsa 5 irratti bilbilaa) Hiikaa afaanii yoo barbaaddan, afaan barbaaddan ibsadhaa.
  • Tajaajila Atoobisii: Meetiroon King County beellama talaalliif filannoowwan geejjibaa hedduu kanneen akka, tiraanziitii atoobisii, paaraa traanziitii, fi Vaanota hawaasaa ni dhiheessa. Waa'ee tajaajila geejiba bal'inaan king kawuuntii metro asirra baradhaa. Ykn 206-553-3000 n bilblaa.
  • Kaardii Medicaid ykn Apple Health qabdumoo? Hopelink Medicaid 800-923-7433 irratti bilibilaaf. (Akka ulaagaa guutan mikaneeffadhaa)
  • Jarroollii ga'eessota ykn rakkoo hir'inna qaama qabdu? Tajaajila metrootif 206-205-5000 ti irratti bilbilaaf. (Akka ulaagaa guutan mikaneeffadhaa)
  • Beellama geejjibaa namoota baay’ef qabuu yaalaa jirtuu? Unka kana guutaa fi miseensi gareen Hopelink Mobility Management isin wajjin hordofa.

Fudhannaa isa lammataa beellama qansiisaa.

Doozii guddistuu (booster) f sagantaa qabadhaa.

Qajeelfama ammaa eenyu akka doosiin booster argachuu danda’u, yoom akka argatu, fi gosa kam akka argatu:


Akka seera mirga siviilii/nama lolutuu hin taanee kan Feedeeraala tti , Fayyaan Hawaasaa- Siyaatilii fi Kiing Kaawuntiin sagantaa ykn sochiiwwan kam irratti iyyuu haala ramaddii eegumsa dhuunfaa, sanyittii qofa otto hin daangoofne; bifa, bakkee dhalootaa, amantii, saala (haala saala ofii ibsu dabalatee), qabachiisa saalaa, miidhama qaamaa, umurii fi haala heerumsaa irratti hundaa'uudhaan qooda hin taasisu. Himannaa yoo qabaattanii fi iyyata banuu yoo barbaaddan, ykn tarii qoodumsa irratti gaafii yoo qabaattan, maaloo sagantaa mirga civilii kan Kiing Kaawuntii teessoo armaan gadiitiin quunnamaa: civil-rights.OCR@kingcounty.gov; 206-263-2446 (hiika afaaniitiif maaloo afaan dubbattan ibsaa; TTY Relay 7-1-1; ykn karaa poostaatiin (401 5th Ave, Suite 800, Seattle, WA 98104).


Link/share our site at kingcounty.gov/vaccine/oromo

expand_less