Skip to main content

Talallii COVID-19

Talallii COVID-19

Ebla 28, 2023: Talaalliin haaromfame (bivalent) nama umuriin isaa ji'a 6 fi isaa ol ta'e hundaaf ni gorfama.

Ebla 19, 2023: eegalee talaalliiwwan COVID-19 CDC dhaan gorfaman:

Namni umuriin isaa waggaa 6 fi isaa ol ta'e hundi talaallii yeroo kan fooya’e (Ingiliffa qofa) argatee jira jechuudhaaf talaallii COVID-19 fooya’e 1 kan Pfizer ykn Moderna fudhachuu qaba.

Namoonni tokko tokko buusatarii COVID-19 dabalataa argachuu malu:

  • Namoonni umuriin isaanii waggaa 65 fi isaa ol ta’e tarii talaallii buustarii COVID-19 haaromfame dabalataa doozii 1, eega talaallii COVID-19 haaromfame 1ffaa argatanii ji’oota 4 ykn isaa ol booda fudhachuu ni danda’u.
  • Namoonni dandeettiin dhukkuba ofirraa ittisuu qaama isaanii giddu galeessaan ykn haalaan hir’ate talaallii COVID-19 1ffaa haaromfame booda ji’a 2 fi isaa ol booda doosii COVID-19 buustarii 1 dabalataan argachuu ni danda’u.

Daa’imman umuriin isaanii ji’a 6–waggaa 5 ta’e kan yeroo ammaa ykn foya’aa akka ta’uufif talaallii COVID-19 dachaa ykn heddu barbaachisuu danda’a, yoo xiqqaate doosii Pfizer ykn Moderna haaromfame 1 dabalatee. Baay’ina doosiiwwan kanaan dura fudhataniifi umurii isaanii irratti hundaa’a.

Maaloo doosiin meeqa akka isin barbaachisu gaaffii yoo qabaattan ogeessa fayyaa keessan gaafadhaa.

Odeeffannoo talaallii dabalataaf, gara COVID-19 Vaccine page Kutaa Fayyaa Mootuuma Waashingitan irraa daawwadhaa.

Odeeffannoo waa'ee haala talaalliin itti kennamu yerro dha garaa-yerrotti fooyya'aa baha. Nutis odeffffannowan fooyya'an kanaa safisaan issin bira gahuuf hojacha jiranulle, turjumanuu fi weebsayitti Kenya irra maxaansuu dhaaf yeroo fudchachu ni malaa. Obsa keessaniif galatoma.

Odeffannon Kenya inni dhiheenya Afaan Ingiliziitiin asitti kingcounty.gov/covid/vaccine.

Yeroo ammaa kana namni umriin isaa ji'a 6 fi isaa ol ta'e hundi talaallii COVID-19 fi booster shots fudhachuuf ulaagaa guutuu qaba.

Waa’ee ulaagaalee barachuu fii King Kawuntii keessati talaalli argachu.

Maddeen:

CDC n (Heedugallesii Dhukkubaa To’achuu fi Ittissuu) namni kamiiyyu wagga 5 fi achii’olli akkasumas huumni siirna qaamma dhukkubaa ofirra ittisuu kan heedugallesan ykn baay’e laaffee doozii sadaffaa fudhachuu akka qaban gorsa. Lilmoon/talaallii sadaffa kun qaama walfaannee tallallii dhurratti malle buustara miti.

Baakkee fi beellama talaallitif Kiing Kawuuntii keessat talaallii argachuudhaf kan jedhu daawwadha.

Mootummaan federaalaa dhiyeessaa talaallii COVID-19 baay'ee kan hanga ganna 2023tti turu danda'a jedhamee tilmaamamu bite. Talaalliin COVID-19 dhiyeessiin talaallii biyyaleessaa hamma jirutti, inshuraansii yoo hin qabaannellee, namoota hundaaf bilisaan kan kennamu ta'a.

Dhiyeessiin talaallii federaalaa erga dhumee booda:

  • Talaalliin COVID-19 daa'immaan Waashingitan keessa jirsniif bilisaan kennama.
  • Talaalliin COVID-19 ga’eessotaaf kennamu irra caalaan inshuraansii dhuunfaa, Medicare (“Apple Health”), fi Medicaid/CHIP tiin kan haguugamudha.
  • Namoonni inshuraansii hin qabne manneen qorichaa naannoo murtaa’anii fi buufataalee fayyaa hawaasaa keessatti talaallii COVID-19 bilisaan argachuu ni danda’u

Inshuraansii fayyaa dhuunfaa irra caalaan isaanii talaallii COVID-19 ogeessi eegumsa fayyaa networkii isaanii keessatti kennuf, dhukkubsataa irraa kaffaltii osoo fudhatin ofii isaanii kaffalu qabu. Namoonni inshuraansii fayyaa dhuunfaa qaban yoo dhiyeessaan networkii ala ta’e talaallii isaaniif kenne baasii kana keessaa gar tokko kaffaluun isaan irraa eegama.

Fayyaan Hawaasaa– Siyaatil & King Kaawuntii fi wareen biraa kilinikoota talaallii bilisaa kennaa jiru. Tamsaasni madaalawaa ta'e waan dursi kennamuuf kilinikoota kanaaf. Odeeffannoon dabalataa Fuula King Kaawuntii keessatti Talaallii fudhachuu keenya irratti argamuu ni danda'a.

Odeeffannoo dabalataa waa’ee talaallii COVID-19 tiini


Akka seera mirga siviilii/nama lolutuu hin taanee kan Feedeeraala tti , Fayyaan Hawaasaa- Siyaatilii fi Kiing Kaawuntiin sagantaa ykn sochiiwwan kam irratti iyyuu haala ramaddii eegumsa dhuunfaa, sanyittii qofa otto hin daangoofne; bifa, bakkee dhalootaa, amantii, saala (haala saala ofii ibsu dabalatee), qabachiisa saalaa, miidhama qaamaa, umurii fi haala heerumsaa irratti hundaa'uudhaan qooda hin taasisu. Himannaa yoo qabaattanii fi iyyata banuu yoo barbaaddan, ykn tarii qoodumsa irratti gaafii yoo qabaattan, maaloo sagantaa mirga civilii kan Kiing Kaawuntii teessoo armaan gadiitiin quunnamaa: civil-rights.OCR@kingcounty.gov; 206-263-2446 (hiika afaaniitiif maaloo afaan dubbattan ibsaa; TTY Relay 7-1-1; ykn karaa poostaatiin (401 5th Ave, Suite 800, Seattle, WA 98104).


Link/share our site at www.kingcounty.gov/covid/vaccine/oromo

expand_less