Skip to main content

Talaallii COVID-19 ijoollee fi dargaggoo

Talaallii COVID-19 ijoollee fi dargaggoo

Ebla 28, 2023: Talaalliin haaromfame (bivalent) nama umuriin isaa ji'a 6 fi isaa ol ta'e hundaaf ni gorfama.

Ebla 19, 2023: eegalee talaalliiwwan COVID-19 CDC dhaan gorfaman:

Namni umuriin isaa waggaa 6 fi isaa ol ta'e hundi talaallii yeroo kan fooya’e (Ingiliffa qofa) argatee jira jechuudhaaf talaallii COVID-19 fooya’e 1 kan Pfizer ykn Moderna fudhachuu qaba.

Namoonni tokko tokko buusatarii COVID-19 dabalataa argachuu malu:

  • Namoonni umuriin isaanii waggaa 65 fi isaa ol ta’e tarii talaallii buustarii COVID-19 haaromfame dabalataa doozii 1, eega talaallii COVID-19 haaromfame 1ffaa argatanii ji’oota 4 ykn isaa ol booda fudhachuu ni danda’u.
  • Namoonni dandeettiin dhukkuba ofirraa ittisuu qaama isaanii giddu galeessaan ykn haalaan hir’ate talaallii COVID-19 1ffaa haaromfame booda ji’a 2 fi isaa ol booda doosii COVID-19 buustarii 1 dabalataan argachuu ni danda’u.

Daa’imman umuriin isaanii ji’a 6–waggaa 5 ta’e kan yeroo ammaa ykn foya’aa akka ta’uufif talaallii COVID-19 dachaa ykn heddu barbaachisuu danda’a, yoo xiqqaate doosii Pfizer ykn Moderna haaromfame 1 dabalatee. Baay’ina doosiiwwan kanaan dura fudhataniifi umurii isaanii irratti hundaa’a.

Maaloo doosiin meeqa akka isin barbaachisu gaaffii yoo qabaattan ogeessa fayyaa keessan gaafadhaa.

Odeeffannoo talaallii dabalataaf, gara COVID-19 Vaccine page Kutaa Fayyaa Mootuuma Waashingitan irraa daawwadhaa.

Seera qabbessa kan ta’e enyudhaa?

Talaalliin haaromfame (bivalent) nama umuriin isaa ji'a 6 fi isaa ol ta'e hundaaf ni gorfama.

Daa’imman umuriin isaanii ji’a 6–waggaa 5 ta’e kan yeroo ammaa ykn foya’aa akka ta’uufif talaallii COVID-19 dachaa ykn heddu barbaachisuu danda’a, yoo xiqqaate doosii Pfizer ykn Moderna haaromfame 1 dabalatee. Baay’ina doosiiwwan kanaan dura fudhataniifi umurii isaanii irratti hundaa’a.

Maaloo doosiin meeqa akka isin barbaachisu gaaffii yoo qabaattan ogeessa fayyaa keessan gaafadhaa.

young girl receiving vaccination

Gara sagantaa belama talaalli kettitii yemmuu dhuuftu wanta qabattee dhuftu

  • Sanada urmi kee mirkannesuu: kutaa biyya, gosa, ykn waraqaa enyuummaa kan federalan kenname, waraqa raqaa dhalootaa, warqaa enyumaa mana baruumsa, ykn waraqa ragaa mana yaalaa kan maqaa fi guyyaa dhalootaa qabu fayadamuun ni danada'ama.

  • Ciqilee olaanaa keettii irrattii taalilicha warraannamuudhaaf akka mijaawuf shamizii kan dachafama dheeraa qabu ykn kan dachafamnii isaa salphaa ta'ee fi kan hin cinqinee uffadhu.

  • Waliigaltee nama gaa’eessa eeyyama qabuu: Yoo umrii 18 gadi taate, talaallii argachuuf waliigaltee nama gaa’eessa eeyyama qabu si barbaachisuu mala. Ofumaaf waliigaluu dandeessa yoo kan bilisa baatee taate, yoo nama gaa’eessa fuute/itti heerumte, ykn yoo bakkeen talaallii ati nama umriin daa’imaa bilchaate (Ingiliffaan) jedhee murteesse. Bakkeewwan talaallii martuu murtee umriin daa’imaa bilchaate kennuu hin danda’an.

  • Namoonni gaa’eeyyin eeyyama qaban waliigaltee ijoollef gochuu danda’an kan dabalatu:

    • Nama gaa’eessa si’iif murteewwan yaalaa gochuuf eeyyama mana murtee (seeran guddisaa, kunuunsaa, ajaja manaa ala kaa’uu) qaban
    • Warra
    • Nama gaa’eessa si’iif murteewwan yaalaa gochuuf eeyyama barreeffamaa warra keetii qaban
    • Nama gaa’eessa kunuunsa fayyaa keetif itti gaafatamu
    • Haala tokko tokkotti, nursii mana baruumsaa, gorsaa mana baruumsaa, ykn bakka bu’aa barataa mana hinqabnee

    Yoo namni gaa’eesssi eeyyama qabuu si wajjin beellama talaallii irratti argamuu baate, waliigaltee nama gaa’eessa eeyyama qabuu ykn seeran bilisa ba’uu maalin akka mirkaneeffattu dhiyeessa talaallii kee wajjin ilaali.

Fayyaa Hawaasaa – Siyaatil fi King Kaawuntii – unka waliigaltee ijoollee talaallii COVID-19 (PDF)

Unka kuni bakkeewwan talaallii Fayyaa Hawaasaa – Siyaatil fi King Kaawuntii irratti fayadamu, bakkeewwan talaallii Auburn fi Kent fi kilinikoota Fayyaa Hawaasaa dabalatee. Yoo namni gaa’eesssi eeyyama qabuu si wajjin beellama talaallii irratti argamuu baate, unka kun akka waliigaltee barreeffamatti fayyadam. Hojjatoonni Fayya Hawaasaa waliigaltee afaanii bilbilaan ykn nama gaa’eessa ta’erraa yaadachiisa barreeffamaa fudhachuu ni danda’u. Yoo beellamni talaalii keessanii bakkee Fayyaa Hawaasaatti ta’uu baate, waliigaltee nama gaa’eessa eeyyama qabuu ykn seeran bilisa ba’uu maalin akka mirkaneeffattu dhiyeessa talaallii kee wajjin ilaali.


Akka seera mirga siviilii/nama lolutuu hin taanee kan Feedeeraala tti , Fayyaan Hawaasaa- Siyaatilii fi Kiing Kaawuntiin sagantaa ykn sochiiwwan kam irratti iyyuu haala ramaddii eegumsa dhuunfaa, sanyittii qofa otto hin daangoofne; bifa, bakkee dhalootaa, amantii, saala (haala saala ofii ibsu dabalatee), qabachiisa saalaa, miidhama qaamaa, umurii fi haala heerumsaa irratti hundaa'uudhaan qooda hin taasisu. Himannaa yoo qabaattanii fi iyyata banuu yoo barbaaddan, ykn tarii qoodumsa irratti gaafii yoo qabaattan, maaloo sagantaa mirga civilii kan Kiing Kaawuntii teessoo armaan gadiitiin quunnamaa: civil-rights.OCR@kingcounty.gov; 206-263-2446 (hiika afaaniitiif maaloo afaan dubbattan ibsaa; TTY Relay 7-1-1; ykn karaa poostaatiin (401 5th Ave, Suite 800, Seattle, WA 98104).


Link/share our site at www.kingcounty.gov/youthvaccine/oromo

expand_less