Skip to main content
King County logo

Muddee 14, 2022: Talaalliin buustara haaromfame amma ni argama. Buustarri haaromfame kun gosa Omicron babal'achaa jiruu fi akkasumas vaayirasii COVID gosa jalqabaa irrati xiyyeeffata.

Buustara haaromfame argachuu qabdu yoo:

  • Umuriin keesan ji'oota 6 ykn isaa ol,
  • Talaallii walduraa duubaan kennamu sadarkaa tokkoffaa xumurteettan(doosiiwwan jalqabaa 2 Moderna/Pfizer/Novavax ykn doosii 1 Johnson & Johnson) fi
  • Erga doosiin dhumaa fudhattanni yoo xiqqaate ji’a 2 ta’ee(doosiin keesan inni dhumaa doosiin jalqabaa ykn doosii buustara ta’uu danda’a)

Namni ulaagaa guute hundi buustara haaromfame kana argachuu qaba, keessumaatuu namoota umuriin isaanii waggaa 50 ol ta’an ykn kanneen dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu isaanii dadhabe ykn haala fayyaa akka dhukkuba sukkaaraa ykn dhukkuba onnee qaban.

Beeksisa: Daa'imman ji'oota 6 hanga waggaa 4 jiran kan walfannee jalqabaa Pfizer fudhatan, waliigalatti dooziiwwan 3 fudhatu. Yoo walfaanneewwan hanga ammaatti kan hin xumuurre ta'e, akka doozii jalqabaa isa sadaffaatti talaallii Pfizer lachee (bivalent) fudhatu. Yoo daa'imni keessan walfaannee doozii Pfizer isa jalqabaa 3 fudhatee xumuureera yoo ta'e, doozii ittisa dabalaa lachee hin fudhatu.

Odeeffannoo talaallii dabalataaf, gara COVID-19 Vaccine page Kutaa Fayyaa Mootuuma Waashingitan irraa daawwadhaa.

Odeeffannoo waa'ee haala talaalliin itti kennamu yerro dha garaa-yerrotti fooyya'aa baha. Nutis odeffffannowan fooyya'an kanaa safisaan issin bira gahuuf hojacha jiranulle, turjumanuu fi weebsayitti Kenya irra maxaansuu dhaaf yeroo fudchachu ni malaa. Obsa keessaniif galatoma.

Odeffannon Kenya inni dhiheenya Afaan Ingiliziitiin asitti kingcounty.gov/covid/vaccine.

Yeroo ammaa kana namni umriin isaa ji'a 6 fi isaa ol ta'e hundi talaallii COVID-19 fi booster shots fudhachuuf ulaagaa guutuu qaba.

Waa’ee ulaagaalee barachuu fii King Kawuntii keessati talaalli argachu.

Maddeen:

CDC n (Heedugallesii Dhukkubaa To’achuu fi Ittissuu) namni kamiiyyu wagga 5 fi achii’olli akkasumas huumni siirna qaamma dhukkubaa ofirra ittisuu kan heedugallesan ykn baay’e laaffee doozii sadaffaa fudhachuu akka qaban gorsa. Lilmoon/talaallii sadaffa kun qaama walfaannee tallallii dhurratti malle buustara miti.

Baakkee fi beellama talaallitif Kiing Kawuuntii keessat talaallii argachuudhaf kan jedhu daawwadha.

Talaallii COVID-19 tiif kaffaltiin hin jiru, haalli immigireeshinii ykn inshuraasin fayyaa keessan akum fedhe yoo ta'e. Talaalliin Medicare, Medicaid fi inshuransii dhuunfaa baay'een kafalama, namoota inshuransii hin qabneef gatiin talaallii ni kafalamaaf.

Dhiyeesitonni talaallii COVID-19 vaccination waantota kanaa gadii gochuu hin danda'an:

  • Talaalliichaaf kafalchiisuu
  • Sirrichaan kafaltii bulchiinsaa, kafaltii itti guutuu, ykn inshuransii dabalataaf kafalchiisuu
  • Nama kamuu inshuraansii fayyaa hin qabne, inshuraansin isaa anquu, ykn neetiworkii alaa ta'e talaallii fudhachuu dhoowwuu
  • Biiroodhaaf kafalchiisuu ykn kafaltii biraa nama talaallii argatuuf yoo tajaajilli dhiyaate talaallii COVID-19 kennuu qofa yoo ta'e.
  • Tajaajiloota dabalataa gaafachuu akka namni talaallii COVID-1u fudhatuuf; garuu, tajaajiloonni fayyaa dabalataa yeroo dhuma sana kennamuu fi addatti kafalchiisun ni danda'ama.

Dhiyeesitonni talaallii COVID-19 vaccination waantota kanaa gadii gochuu ni danda'u:

  • Kafaltii sirrii ta'e karoora ykn sagantaa fudhataa irra gaafachuu (fkn: inshuransii fayyaa dhuufaa, Medicare, Medicaid) kafaltii talaallii kennuutif. Garuu, dhiyeessitoonni gatii talaallii hafe kafalchiisuu hin danda'an.

Fayyaan Hawaasaa– Siyaatil & King Kaawuntii fi wareen biraa kilinikoota talaallii bilisaa kennaa jiru. Tamsaasni madaalawaa ta'e waan dursi kennamuuf kilinikoota kanaaf. Odeeffannoon dabalataa Fuula King Kaawuntii keessatti Talaallii fudhachuu keenya irratti argamuu ni danda'a.

Odeeffannoo dabalataa waa’ee talaallii COVID-19 tiini


Akka seera mirga siviilii/nama lolutuu hin taanee kan Feedeeraala tti , Fayyaan Hawaasaa- Siyaatilii fi Kiing Kaawuntiin sagantaa ykn sochiiwwan kam irratti iyyuu haala ramaddii eegumsa dhuunfaa, sanyittii qofa otto hin daangoofne; bifa, bakkee dhalootaa, amantii, saala (haala saala ofii ibsu dabalatee), qabachiisa saalaa, miidhama qaamaa, umurii fi haala heerumsaa irratti hundaa'uudhaan qooda hin taasisu. Himannaa yoo qabaattanii fi iyyata banuu yoo barbaaddan, ykn tarii qoodumsa irratti gaafii yoo qabaattan, maaloo sagantaa mirga civilii kan Kiing Kaawuntii teessoo armaan gadiitiin quunnamaa: civil-rights.OCR@kingcounty.gov; 206-263-2446 (hiika afaaniitiif maaloo afaan dubbattan ibsaa; TTY Relay 7-1-1; ykn karaa poostaatiin (401 5th Ave, Suite 800, Seattle, WA 98104).


Link/share our site at www.kingcounty.gov/covid/vaccine/oromo