Skip to main content
King County logo

Waayee Talaallii COVID-19 gaaffiwwan deddebi’anii gaafatamani

Bulchiisni Nyaataaf Dawaa (FDA) fayyadamuu ariiffachiisaa talaallii COVID-19 tokkoffaa raggaasise. Talalliwwan biraas baayyen hojjatamaa jiru, bu’a qabeeyyif miidhaa kan hin finne ta’u isaanii mirkaneessufis tola-ooltota kuma kudhaneen lakka’amaniin baayyinaan qorannoo kilinikaa lakkofsa guddaa jala jiru.

Bulchiisni Nyaataf Dawaa (FDA) yeroo ariiffachiisaa ykn muddamaa biyoolessaa omisha fayyaaf atatamaan barbaachisu dhiyeessuf kan EUAs jedhamee beekamu Eeyyama Fayyadamuu Yeroo Muddamaatti fayyadama. EUAn omishin otoo eeyyama guutuu hin argatin akka ittii fayyadamamu eeyyama.

EUA qorannoodhaf, meeshaf, ykn yaalaf fayyadamuun ni danda’ama.Buulchiinsi Nyaataaf Dawaa( FDA) anthrax, Ebola, H1N1 fi muddamoota fayyaa biro duraanitiif EUA baase ture.

EUAn otoo tilmaamaa keessaa hin angilin sadarkoota nageenya fi bu’a qabeessummaa fi ogeeyyii fayyaa walabaatin ilaalamuu dabalatee qajeelchota FDA guutuu qabu.

Yoo FDAn EUA talaalliidhaaf raggaasise, gareen gorsitoota walabaa lammataa odeeffannoo nageenyatiif bu’a qabummaa ni madaala. Gareen kun, the Advisory Committee on Immunization Practices (ACIP), talaalliin fayyadamuu qabaa fi hin qabuu irratti gorsa kennu. Yoo fayiidaa irra akka oolu gorsan, ACIPn dhiyeesitoota kunuunsa fayyaatif qajeelchota baasa.

FDA fi CDCn talallii nageenya fi bu’a qabeessummaadhaa to’achuu itti fufa erguma raggasifamanii boodallee.

Dursi nageenya talaallii ti. Talaalliiwwan COVID-19 martuu otoo U.S. keessatti fayidaa irra ooluu hin danda'in qorrannoo dinniinaa fi tarkaafii-baay'ee  fi adeemsa gamaaggamaa jala darbuu qabu. Kun qo'annoo namoota kuma qudhanootan lakka'amaniif ilaalcha irra deebii boordii to'annoo nageenyaa walabaa dabalata. Yoo sadarkaa nageenyatiif bu'a qabeessa ta'uu yoo darban qofa raggaasifamu ykn fayfadamuuf eeyyamamu. Tokkicha ega kennaman talaalliiwwan nageenyafis ni to'atamu.


Vidiyoon gabaaban WA State Dept. of Health irraa kun dabalataan akkamitti talaalliiwwan COVID-19 hojjataman ibsa (Ingiliffa qofaan jira).

Yeroo baay'ee, qorannoon fi omishni talaallii yeroo hedu kan fudhatuufi irraa dedebi'insaan, tarkanfii addatti hojjatama wagaa heddu keessatti. Sababa golfaatin, moottuummaan federaala mallaqaa keennee akka warri talaalli qoratuufi warraa omishuu akka dalagaaf, qorannoo fi omishin yeroodhuma tokko ta'u. Tarkaanfinn irra utalamu hin jiru garuu yeroon itti hojjatamu saffisaan deemuu danda'a.

Talaalliiwwan Pfizer fi Moderna irraa raggasifamani talaalliiwwan mRNA ti. Teeknolojiin talaallii mRNA wagoota kudhantamaaf kan qoratamaniif waliin dalagan. Fedhiin talaalliiwwan kana irratti gudate sababa meeshota laboratorii kessatti salphaan argamanirraa waan misoomuu danda’aniif. Kun jechaan adeemsich sadarkeessuf ol-guddisuun ni danda’ama, misooma talaallii akkaataa talaalliiwwan aadan qopheefamanirraa saffisaa taasisa.

Talaalliin Johnson & Johnson talaallii viral vector dha, teeknolojii bara 1970moota keessa jalqaba uumame. Waggoota kudhanootaf, qoannoon saayinsaawaa talaalliiwwan viral vector tu naannoo addunyaa keessatti hojjatame. Dhibeewwan dadarboo biraa kan akka Ebola, Zika, gofaa fi HIV irratti fayyadamaman.

Yeroo talaalliin hayyamamte EUA dhaan, tola-ooltotni talaallii COVID-19 argatan adeemsa raggaasisa talaallii adeeffamee irraa yeroo gabaabaf to'atamu. Qorannoon talaallii COVID-19 kamuu tala-ba'eeyyii kumaan laka'amani hirmaachisa, yoo xiqate giduun tola-ooltotni erga talaallii dhumaa fudhatanii yoo xiqate baatii lamaaf hordofamuu (akka adeemsa adeeffamee baatii 6 ykn olio too hin taane). Garuu, baatii lamatti, rakkinni cinaa talaalliiwwan irraa dhufu akka muldhatu eegama.

Rakkinni cinaa darbanii argaman yeroo namootni milii'onan laka'amani talaallii fudhatan argamuu mala. Sababa kanaaf, nageenyi talaalliiwwan COVID-19 to'atamuun itti fufa erga kennamanii booda.

Eeyyee. Ebla, 24, 2021 irraa kaasee, gaheessi umrii 18 fi olii talaallii Johnson fi Johnson argachuu ni danda'u erga CDC fi FDA Irra deebiin qorannoo nageenyumaa ilaaluu talaallichaa xumureen booda (Ingiliffa qofaan).

Fayyadamni talaallii Johnson fi Johnson (J&J) kan dhaabbatee ture Ebla 13 CDCn odeeffaannoo lakkoofsaan xiqaa mallattoo/haala/ addaa laalee ture (Ingiliffa qofaan) kan umamu itituu dhiigaa (blood clot) fi gadi bu'iitii lakkoofsa pileetileeti kan irraa hedduminnan dubartoota umrii 18 hanga 49 irrati argamu. Eega odeeffannoo qindaa'e kana gadifageenyaan ilaaleen booda, CDCn balaan mallattoo / haala/ addaa itita dhiigaa (blood clot) kun baay'ee xiqqaa ta'uu isaa murteessee jira. Walbira qabuudhan yoo laalle, talaalliin Johson fi Johnson balaa gurguddaa hospitaala ciisufii dua COVID-19 irraa ittissa guddaa godha/ kenna/.

Dubartoonni wagaa 50 gadii balaa addaa ka yeero tokko tokko dhufu/argamu, kan immo akkan hamaa tahe kana hubachuu qabu. Talaalliwwan COVID-19 (Pfizer fi Moderna) balaa kana hin qabnetu jiru.

Yoo kan talaalli J&J fudhatu tahe, torbaan sadiif mallatoowwan kanneen eegi/ laali/:

  • Bowwoo hamaa ykn Bowwoo addaan hin cinne ykn wayta laaltu sitti golgolaa'u 
  • Dhukkubbii qomaa
  • Hafuura bafachuu dadhabu
  • Miillii/ Lukti iitahu
  • Dhukkubbii garaa kan addaan hin cinne
  • Laafaamati dirmamaahu ykn coraa jalaa bakki dhiiga xiqqaa qabu jiraachu

Yoo mallattowwan tokkoosanii ykn baay'ee  qabaatte hatatammatti tajaajila faayyaa barbaadii argadhu

Yaadachiisa: Yoo talaallii jia dura fudhatu taate, hireen balaa argachuu keeti  tiqqaadha.  Torbaan duraa talaallii COVID-19 kamuu fudhatan keessaa, mallatoowwan xixiqaa fii jiddu jireessaa  kan akka oo'aa, bowwoo, dadhabii qaamaa, fii dhukkubbii humna/fooni argachun kan barame.

Yoo  gaafii ykn yaaddoo qabaate, doktora kee, narsii ykn kilinika bilbili/ yaami/. CDC fi FDA nageenyummaa talaallii COVID-19 hordofuu itti fufu, akkasumas, dhabbanni Fayyaa Hawaasaa odeeffaannoo harawaa akkuma argamee beeksisu.

Gareen nageenya talaallii kan Ittisa fi To'annoo Dhibee(CDC) irraa tahan, akka talaalliin mRNA( akka Moderna fi Pfizer) fi ita'uu irree onnee dargagoota fi namoota gaa'yyii umriin xiqaa wanti walitti fidu malu akka jiru arganii firu. Myocarditiis iita'uu irree onneeti.

Gabaasni iita'uu irree onnee fi iita'uun haguugdu onnee baay'isee hin argamu, yoo akkataa doziin talaallii miliyoonaa dhibbaan keenname ilaalle. Mallattowwan kun eega doziin lammaffa fudhatanii guyyota torba booda mul'atu, akkasumas mallatoowwaan kunis qeerroo fi dargaggo umri wagga 16 fi olii irratti argama. Irra hedduun dhokubsatoota iita'uu irree onnee kun yaalifi, boqonnaatti deebi garii argisiisan akkasumas dadaffitti woyahan.

Rakkinna iita'uu irree onnee irraa dhufu xiqaadha yoo bu'aa talaalli irraa argamuun walbira qabnee laallu. Talaallin dhimmoota COVID 19, yaaliiwwanii hospitaalaa fii du'a dhorkuu akka danda'u argisisan. Talaalliin dabalataan dhukuba iita'iinssaa garagaraa kan mallaatto hedu qabu kan ijjoollee irratti argamu, mallattoo yeroo dheeraaf argamu("long-hual Covid"), fii irraa hamaafi haala jijirata vaayrasii harawaafis ittis kenna. Balaan haalota kana irraa dhufan rakkina iita'uu irree onnee irraa dhufu irraa akkaan guddaadha.

Iita'iinsi irree onnee hedu ta'uu dhabulee, Ittisaa fi To'annoo Dhibee(CDC) wanti gorsu, akka namoonni dhiheena kana talaallii fudhatan mallattoolewwan armaan gadii kana eeguu qabu.

  • Dhukubbi qomaa
  • Hafuura baafachu dadhabuu
  • Yoo onnee dadafiidhaan dhahate, ro'm'ite, hargante ykn akka malee rukute

Yoo mallatoollee kana keessa kamuu qabaatte yaala barbaadadhu.

  • Lakki, Talaalliin COVID-19 amaloota maaginetii isinii kennuu hin danda'u, iddoo talaallii (harka keessan) irra dabalatee.
  • Talaalliiwwan keessa waanti electromagnetic field uumu hin jiru. Talaalliiwwan COVID-19 martuu sibiilota akka iron, nickel, cobalt, lithium fi walmakaa-sibiilotaa (alloys) lafaa dadarbaan argaman kamuu hin qaban. Waantota omishaman kan akka microelectronics, electrodes, carbon nanotubes, ykn nanowire semiconductors kamuus hin qaban.
  • Tarreewwan guutuu waantota talaalliiwwan COVID-19 irraa hojjatamanii kutaa akkamitti talalliin COVID-19 hojjata jedhuu asii gadii keessatti ilaalaa.

Viidiyoon Damee Fayyaa WA irraa kun  (Ingiliffa qofaan jira) haala, barreessaa, fi madda yeroo odeeffannoo haaraa argitanii, fi namoota beektan akka gaafachuu tilmaama keessa akka galchitan gorsa kenna. Fayyaan Hawaasaa madda odeeffannoo Dhugaadhaa? jedhus oduu sobaa waa'ee talaallii COVID-19 mariyachuuf qopheesse.

Akkaataa talaalliin COVID-19 hojjatu

Talaalliiwwan COVID-19 otoo dhukkubiin nu hin qabin qaamni keenya vaayirasii COVID-19 fidurraa akka dandeetti ofi eeguu uumu gargaaru. Yeroo talaalli argattan, sirni dhibeerra ofi tiksuu qaama keessanii antiibodii fi seeli infeekshina ykn dhukkuba darbu ittisu kan yoo vaayirasichaan dhibee qabsifamtan kan isin tiksu tolcha.


Vidiyoo sakondii-60 keessatti akkatti talalliiwwan COVID-19 qaama keessan keessatti hojjatan dabalataan baradha (Ingiliffa qofaan jira).

Talaallii COVID-19 tiin akka COVID-19 hindhukubssanne ykn akka malee akka hindhukubssannee si gargaara.

  • Talaallin kun si ittissa ykn eega qaamni kee dhukkuba if irraa ittisuu dandayu barsiisuudhan vayrasichaan akka lolu odoo dhibdee ykn infeekshiin COVID-19 hinargatin.
  • Qorannoo kilinikaa ykn Trails keessati, talaalliin COVID-19 kan amma argaman kun akkaan kan dalaganiifii COVID-19 tiin irraa ka nama ittisan tahuudha.

Talaalliin COVID-19 tin golfaa kana dhaabuuf meeshaa akkaan barbaachisadha.

  • Talaallii argachuun akka of, hiriyoota fi maatii keessan, fi namoota biraa hawaasa keessaa COVID-19 irraa tiksuuf gargaara. Talaallii argachuunif gorsoota fayyaa hawaasaa hordofuun walitti yeroo kanatti tika haalan dansaa COVID-19 kenna.
  • Haguuggii godhachu fi namootaan addan fageenya eegachuun akka vaayrassif hinsaaxilamnee yookaani akka ati namatii hin dabarsine ir’isa, hatahuuti kuni qofti gahaa miti. Talaalliin ittisa dhukkubaa qaama keeti wajjiin dalagee akka qaamni kee vaayrasii if irraa ittisuuf qophahu qodha yoo ka vaayrasichaaf saaxilamte.
  • Yeroo dheeraa keessa, akkuma namni heddu talaallii fudhatuun, wantoota biro kan amma COVID-19 tiin ittisuuf barbaachisa nu barbaachisu taha.

Lakki, talaalliiwwan COVID-19 infeekshiin ykn dhukkuba darbu COVID-19 fiduu hindanda’an. Talaalliiwwan COVID-19 tiini qaama keenya akka if tiiksu barsiisa akka ittisa dhukkubaa ykn antibodies qophefatuufi dhukkuba dadarbu biros akka ittisuf. Talaalliiwwan seelota qaamota keenyaa pirootiina kan akka gubbaa vaayirasii COVID-19 irra jiru fakkaatu akka hojjatan barsiisu. Hajajoota dabarsuuf, talaalliiwwan RNA ergamaa (mRNA) ykn vaayirasii akka dhibee nama hin qabsiifne jijjiirame biraati fayyadamu. Qaamonni keenya akka yoo vaayirasiin COVID-19 qaama keessa seene deebii ofi’eeggannoo keennu akka danda’aniif pirootinii sana adda baasuu baratu.

Dhiibbaa cinaa kan akka bowwoo mataa, dhukkubbii arkaa, dadhabuu, ykn oo’ina qaamaa guyyaa tokko ykn lama keessatti erga waranamtanii mudatuun ni mala. Garuu dhiibbawwan cinaa kun kan yeroo gabaabaf turuuf mallatoo talaallich qaama keessatti dandeettii dhibee irraa of tiksu ijaaraa jiraachuusaati agarsiisa. Gariin dhiibbaa cinaa kun mallaattoo COVID-19 tin wal fakkata, hatahu malee, infeekshinicha ykn dhukuba darbbun tokkoo miti. Talaalliin vaayrasii if keessaa hinqabu ykn ciinaa qaama vaayrasichaa akkasumas COVID-19 tiin hinqabsissu ykn hinfidu.

Talaalliiwwan Pfizer fi Moderna irraa raggaasifaman talaalliiwwan mRNA ti. Teeknolojiin talaallii mRNA wagoota kudhantamaaf kan qoratamaniif waliin dalagan.

Talaalliiwwan mRNA keessa vaayrasiin hin jiru, kanaafuu talaallii irraa dhukkubbiin COVID-19 isin hin qabu. Sirumaayyuu, talaalliiwwan mRNA seelota keenyaf pirootiinii miidhaa hin qabne – kauma akka pirootiinii barbaachisaa vaayirasii COVID-19 irraa jiru fakkaatuu - akka hojjataniif ajajoota kennuuf. Yoo seeloonni keessan pirootiinicha sana tolchan, qaamni keessan deebii dhibee ofirraa tiksu jabaa fi antiibodiiwwan (farra qaama alagaa) COVID-19 irraa tiksan huuma. Qaamni keessan otuma vaayirasichaf hi saaxilamin akkatti dhibeen qabamuurraa of tiksu bara.

Erga mRNAn seelota keenya COVID-19n irra of tiksuu barsiisee, inzaaymoonni qaama keenyaa saffisaan mRNA cacabsanii balleessu. mRNAn wirtuu seelota keenyaa keessa hin galu.

Otumallee isaan kun talaalliiwwan mRNA raggaasifaman jalqabaa ta’an, teeknolojiin mRNA wagoota 30 oliif qoratamati jiran. Odeeffannoon dabalataa akkatti talaalliiwwan mRNA daladguu weebsaayitii CDC irratti argamuu danda’a.

Eeyyee. Fudhannaa lammataa talaallii Moderna ykn Pfizer keessan mirkaneeffadhaa. Fudhannaa lammataa malee, akka guutudhaan talaallii fudhattetti hin yaadamu.

Namoonni tokko tokko akka fudhannaa lammataa irra utaaluf yaadaa akka jiran dhegeenye wanna dhiibbawwan cinaa isaan yaaddeseef. Garuu, fudhannaan lammataa tika guutuu argachuuf barbaachisaa dha – fudhannaan jalqabaa dandeetti dhibee irraa ofi'tiksuuti ijaaraa, fudhannaan lammataa ni jabeessa.

Nama hundaa miti dhiibbawwan cinaa qabaatu fudhannaa lammataa booda, namoonni tokko tokko dhiibbawwan cinaa lash jedhe qabu namoota biraa irra. Yoo dhiibbaa cinaa qabaattan, guyoota xiqaa caalaa hin turu. Kun mallattoowwan talaalliin hojjachaa jiraachu isaati fi qaamni keessan dandeetti dhibee irraa ofi'tiksuuti ijaaraa jiraachu isaati agarsiisa. Yoo seelonni keessan pirootiinii hojjatan, qaamni keessan sirna dandeettii dhibee irra ofi'tiksu COVID-19 irraa uuma. Qaamni keessan akka COVID-19 dhaan hin qabnee ofi tiksuu barata otuma koronaavaayirasii isa dhugaatti saaxila hin ba'in.

Talaallii akkanaa COVID-19 ykn ergaawwan dabarsuuf fayyadaman vaayirasii qofaa barame miidhaa hin fidne isin qabsiisuu hin danda'u. Talaalliichi wirtuu seelota, DNA, ykn waantota sanyii keessa galuu ykn jijjiiruu hin danda'u.

Saayintistoonni bara 1970moota keessa viral vector uumuu jalqaban. Waggoota kudhanootaf, qo'annoon saayisaawaa talaalliiwwan viral vector dhibootan lakkaawaman adunyaa maratti hojjataman. Dhibeewwan dadarboo biraa akka Ebola, Zika, flu fi HIV irratti fayyadaman.

Talaalliin COVID-19 Johnson & Johnson akka isin hin dhukkubsineef kan jijjiirame vaayirasii dhibee qorraa baramee miidha hin qabne fayyadama (koronaavaarasii otoo hin ta'in). Vaayirasiin miidhaa hin qabne kun seelota keenya akka pirootiinii gubbaa koronaavaayirasii irra jiru hojjatan ajajoota dabarsu. Yeroo seelonni keessan pirootiinii sana hojjatan, qaamni keessan deebii dhibee irraa ofitiksuu cimaa COVID-19 irraa isin tiksuuf uuma. Qaamni keessan akkatti COVID-19 dhaan qabamuurraa isin tiksu barata otoo koronaavaayirasii dhugaatti hin saaxilamin.

Talaallii akkanaa COVID-19 ykn ergaawwan dabarsuuf fayyadaman vaayirasii qofaa barame miidhaa hin fidne isin qabsiisuu hin danda'u. Talaalliichi wirtuu seelota, DNA, ykn waantota sanyii keessa galuu ykn jijjiiruu hin danda'u.

Saayintistoonni bara 1970moota keessa viral vector uumuu jalqaban. Waggoota kudhanootaf, qo'annoon saayisaawaa talaalliiwwan viral vector dhibootan lakkaawaman adunyaa maratti hojjataman. Dhibeewwan dadarboo biraa akka Ebola, Zika, flu fi HIV irratti fayyadaman.

Dubartoonni wagaa 50 gadii balaa addaa ka yeero tokko tokko dhufu/argamu/ immo kan akkan hamaa tahe itita dhiigaa fii lakkoofsa pileetileetii xiqqeessu/ gad buusu/kana hubachuu qabu. Talaalliwan COVID-19 (Pfizer fi Moderna) balaa kana hin qaban. Maaloo, gaafii “Talaalliin Johnson fii Johnson itti faaydamuuf argamaa?” odeeffannoo dabalataatif gubbaa laala.

Qo'annoon jalqabaa kenna tokko caalaa talaalliiwwan gosa adda addaa irraa fudhachuun fayidaawwan akka qabu agarsiisa. Fulduratti makaa talaalliiwwanii ykn talaallii J&J kenna lammataa gorfamuun ni mala. Ammatti kenna lammataa J&J booda gorsuuf odeeffannoo ga'aan hin jiru, garuu CDCn barbachisummaa foyyeessaa (olkaasaa) madaluu itti fufa.

FDAn fi CDCn namoota dandeettiin dhibee ofirraa eeguu haalan jalaa danqame (Ingiliffaan), namoota kan akka qaamni buqqifamee dhabameef ykn yaalota kansarii argachaa jiraniitif kenna sadaffaa talaallii Pfizer ykn Moderna raggaasises ni gorsus. Namoota sirnootin dandeettii dhibee irraa ofi eeguu isaanii hin danqamneef olkaasaa hin raggasifnees hin gorsanis, akkasuma warra talaallii Johnson & Johnson fudhatanis.

Namoonni sirnootin dandeettii dhibee irraa ofi eegu isaanii danqame talaallii yoo fudhatan dandeettiin farra-qaamotaa omishuu isaanii xiqaadha. Odeeffannoon haaran kenni (dose) sadaffaa talaalliiwwan mRNA garee kanaafi bu'a qabummaa talaallii akka dabalu agarsiisa.

FDAn and CDCn namoota biraa kamiifuu amma ammaatti olkaasota hin raggaasifne ykn hin gorsine. Mootumman federaalaa kenna olkaasaa birraa kana kennuu jalqabuuf akka karoorfate hime. Garuu sun fulduratti hin warraaqin, ogeeyyiin FDA fi CDC keessaa bu'a fi naga qabummaa kenna olkaasaa sadaffaa Pfizer ykn Moderna ni qoratu. Hawaasaa torbeewwan dhufan keessa qajeelcha fudhata.

Qabiyyeen furtuu talaalliiwwan Pfizer fi Moderna lachuu keessa jiru mRNA dha, kan seelota keessan akkatti coronaavaayirasii irraa pirootiinii hojjatan itti himu, COVID-19 akka beeku kan eeyyamuu fi dhibee irra isin tiksu. Talaalliiwwan zayitii, soogidoota, fi sukaaras ni qabu.

Qabiyyeen furtuun talaallii Johnson & Johnson nii vaayirasii miiddhaa hin qabne pirootiinii spike gubbaa koronaavaarasiirra jiru seelota keenyatti qababsiisuf fayyadamamu adenovirus 26 dha. Seelonni aciin COVID-19 adda baasuu danda’anii dhibee irraa isin tiksu. Talaalliin J&J asiidii citric fi ethanol si ni qaba.

Talaalliiwwan waantota booyyee omishaman, killee, waantota dhiigaa, seelota vaayirasii COVID-19, meerkurii, ykn microchips hin qaban. Talaalliiwwan qaama ulfa otoo hin dhalatinii, hin qaban.

Tarreen qabiyyeen talaallii Pfizer guutuudhan, FDA irraa ni argama:

Qabiyyeen ijoo (Active ingredient)

  • nucleoside-modified messenger RNA (modRNA) encoding the viral spike glycoprotein (S) of SARS-CoV-2

Zayitoota (Lipids)

  • (4-hydroxybutyl)azanediyl)bis(hexane-6,1-diyl)bis(2- hexyldecanoate)
  • 2-[(polyethylene glycol)-2000]-N,N-ditetradecylacetamide
  • 1,2-distearoylsnglycero-3-phosphocholine
  • cholesterol

Qabiyyeewwan dabalataa (soogidoota, sukaarota, dallaa [Buffers])

  • potassium chloride
  • monobasic potassium phosphate
  • sodium chloride
  • dibasic sodium phosphate dihydrate
  • sucrose

Tarreen qabiyyeen talaallii Pfizer guutuudhan, FDA irraa ni argama:

Qabiyyeen ijoo (Active ingredient)

  • nucleoside-modified messenger RNA (modRNA) encoding the viral spike glycoprotein (S) of SARS-CoV-2

Zayitoota (Lipids)

  • polyethylene glycol (PEG) 2000 dimyristoyl glycerol (DMG)
  • SM-102
  • 1,2-distearoyl-snglycero-3-phosphocholine
  • cholesterol

Qabiyyeewwan dabalataa (soogidoota, sukaarota, dallaa [Buffers])

  • tromethamine
  • tromethamine hydrochloride
  • acetic acid
  • sodium acetate
  • sucrose

Tarreen qabiyyeen talaallii Johnson & Johnson (Janssen) guutuudhan, FDA irraa argamu:

Qabiyyeen ijoo (Active ingredient)

  • recombinant, replication-incompetent adenovirus type 26 expressing the SARS-CoV-2 spike protein

Qabiyyeewwan ijoo hin taane (Inactive ingredients)

  • citric acid monohydrate
  • trisodium citrate dihydrate
  • ethanol
  • 2-hydroxypropyl-β-cyclodextrin (HBCD)
  • polysorbate-80
  • sodium chloride

Gosti Delta koronavayrasii ""gosoota yaaddessoo ta'an " 6 keessaa isa tokko U.S keessatti akkaan dadarbaa ka jiruu fii fuldurattis biyyaattii keessati koronavaayirasi baratamaa tahuu kan malu. Karaan irra caalaan ufiifii hawaasa kee gosa Delta irraa ittistuun guututti yoo talaallii fudhateedha, yoo ka talaallii Pfizer ykn Moderna fudhatu taate, dozii lamaanu fudhachuu kee mirkaneessi.

Sodaan/balaan guddaan koronavaayirasi addaa kanaa namoota talaallii hin fudhatiniifi.  Yoo guututti hin talaallamin, ufii fii namoota biros ittisuu kan dandeetu, haguuggii fuulaa godhachuun, qaamaan addaan fagaachuun, akkasumas mallatoolee COVID-19 ykn COVID-19 saaxilamoo eega taateen booda dadaffiidhaan laallamudhaani.

Gaa’umsaa fi dhiyeena talaallii

Namni umrii 12 fi olii kamuu ta’e talaallii COVID-19 fudhachuuf ulaagaa ni guuta amma.

Akkatti talaallii fudhatan dabalataan baradhaa .

Waayee tamsaasa talaallii COVID-19 Isteeta Washington dabalataan asitti baradhaa (Ingiliffa qofaan jira).

Talaalliiwwan COVID-19 hoospitalootatti, manneen qorichaa, bakkeewwan qabiyyee guddaa, gidu-galeeyyii fayyaa hawaasaa fi dhiyeessitoota biraatti tamsaasamaa jiru. King Kaawuntii keessatti iddootti talaallii argachuu argatan dabalataan asii baradhaa.

Dhiyeesitoonni talaallii tokko tokko bakkeewwan galmee online isaanii irratti tarree talaallii jiranii kaawu ykn odeeffannoo bilbilaan kennuu danda'u. Talaalliiwwan fayida irra haa'olaniif raggasifaman martuu hoospitalaa galuu fi du'a COVID-19 irraa ni dhoowwu. Talaalliiwwan martuu naga qabeeyyi fi bu'a qabeeyyi dha. Garuu, garaagaummaan tokko tokko jiran:

  • Ulaagaa Umrii: talaalliin Pfizer ammatti namoota umri 16 fi oliitii kennamu ni danda'a. Talaalliiwwan Moderna fi Johnson & Johnson namoota umri 16 fi oliitii kennamu ni danda'u.
  • Lakkoofsa fudhannaa: talaalliin Johnson & Johnson fudhannaa tokko qofa barbaada. Fudhannaa lamatu barbaachisa talaalii Pfizer if (yoo xiqaate torbee 3 walirraa fagaatanii) fi Moderna (yoo xiqaate torbee 4 walirraa fagaatanii).

Dhiyeesitoonni gara garaa talaalliiwwan gara garaa qabaachuu malu akkuma dhiyaataniin. Dhiyeenyan talaallii ni jijjiirama, akkasumas gosti talaallii dhiyeessan argatu ni jijjiirama.

Dargagooni waggoota 12 fi olii talaallii COVID-19 amma fudhachuu ni danda'u. Talaalliin Pfizer namoota umriin 12 fi oliitif raggaasifame; talaalliiwwan Moderna fi Johnson & Johnson namoota umriin 18 fi oliitif raggaasifaman.

Qorannoon kilinikaa talaallii ijoolledhaafii yaalamaa jiruu fi yaaliin talaallii COVID-19 sadarkaawwan jalqabaa irra jira; talaalliiwwan COVID-19 amma odeeffannoon talaalliiwwan ijoollee da'imaafi nagaa fi bu'a qabeeyyii ta'uu isaanii agarsiisutti hin dhiyaatan.

Waa'ee talaallii dargaggoof asitti kingcounty.gov/vaccine/youth/oromo dabalataan baradhaa.

Kollejiin Ogeeyyii Fayyaa Qaama Saalaa Dubartoota fi Ulfaa Ameerikaa (Ingiliffaan) fi CDC (Ingiliffaan) iin yoo ulfa taate, ulfaa'uf carraaqaa jiraatte, ykn harma oosisaa jiraatte talaallii COVID-19 akka fudhatan gorsu. Talaallii fudhachuun isinis mucaa keessanis ni gargaara.

  • Namoonni ulfaa COVID-19 irraa dhukkubbii hamaaf saaxilamuuf carraa guddaa qabu, fi gosti Delta haalan daddarbaa ta'e caalatti ariifachisaa taasisa.
  • Talaalliiwwan dhibee, dhukkubbii hamaa, fi du'a  COVID-19 dhoowwuurratti haalan bu'a qabeeyyidha, fi tikni da'imatti darbuu danda'a akkuma guddachaa deemun.
  • Odeeffannoon guddachaa jiran, talaalliiwwan COVID-19 yeroo ulfaa naga qabeeyyii ta'uu isaanii mirkaneessu. Talaallii argachuun carraa ulfi nama irraa ba'uu akka dabalu raga agarsiisuu hin jiru. Yoo gaafiiwwan qabaattan, doktora keessan wajjin dubbadhaa.

Yoo Talaallii COVID-19 kan Dhaabbanni nyaata fi qorichaa hin mirkaneessin biyyaa alaatti fuudhate ta’e( kanneen akka Talaallii Astrazeneca), hanga ammatti waa’ee gaarii ta’uusan ykn akka irraa deebii’in talaalliiwwan Yuunayyitidi Isteetii keesssatti haala muddamaaf akka itti fayyadaman heyyamaman(kanneen akka Moderna, Pfizer, ykn Johnson fi Johnson) odeeffannoon hinjiru.

Haa ta’uu malee:-Namoonni Talaallii Yuunayyitidi Isteeti yeroo amma hin eyyaamamin fudhatan akka tasa irraa deebi’iin talaallii dhaabbanni Nyaata fi Qorichaa eeyyamun Haal dureewwan armaan gadii kana keessatti talaallifamu/fuudhatu;-

  • Talaallii COVID-19 Dhaabbata Fayyaa Addunyaa/WHO/ tiin haala muddamaa keessatti akka itt fayyadaman hayyamame
    • Namoonni Talaallii COVID-19 sirnan Talaallii COVID_19 haala muddamaf akka fayyadaman WHO/Dhaabbanni Fayyaa Addunyaatin eeyyamamen xumuran talaallii dabalata kan Dhaabbanni Nyaata fi Qorichaa eeyyamu hin barbaachisu.
    • Namoonni talaallii gartokko fudhatan, Talaallii COVID_19 haala muddamaf akka fayyadaman WHO/Dhaabbanni Fayyaa Addunyaatin eeyyamame argatan kan Dhaabbanni Nyaata fi Qorichaa/FDA/ eyyame sirnan akka xumuran affeeramu malu.

  • Talaalliin COVID-19 Dhaabbata Nyaata fi Qorichaa/FDA/ ykn kan Dhaabban Fayyaa Addunyaa/WHO/tiin haala muddama keessatti akka itti fayyadaman hin hayyamamin
    • Namoonni guutummatti ykn gar tokkon talaallii COVID_19 kan Dhaabbanni Nyaata fi Qoricha /FDA yookan dhaabbanni fayyaa addunyaa /WHO haala muddama keessatti akka fayyadaman hin eyyamin xumuran kan FDA/dhaabbanni nyaata fi qoricha eyyamu akka fudhatan ni afferamu.

Talaallii COVID_19 Dhaabbanni Nyaata fi Qorichaatin/FDA/tin eyyamu fuudhachuuf, dirqama yoo xiqqata guyyaa 28ti eegu qabdu talaallii biyyaa alaatti fudhatan booda

Wanta eeggamuu qabu

Talaallii COVID-19 tiif kaffaltiin hin jiru, haalli immigireeshinii ykn inshuraasin fayyaa keessan akum fedhe yoo ta'e. Talaalliin Medicare, Medicaid fi inshuransii dhuunfaa baay'een kafalama, namoota inshuransii hin qabneef gatiin talaallii ni kafalamaaf.

Dhiyeesitonni talaallii COVID-19 vaccination waantota kanaa gadii gochuu hin danda'an:

  • Talaalliichaaf kafalchiisuu
  • Sirrichaan kafaltii bulchiinsaa, kafaltii itti guutuu, ykn inshuransii dabalataaf kafalchiisuu
  • Nama kamuu inshuraansii fayyaa hin qabne, inshuraansin isaa anquu, ykn neetiworkii alaa ta'e talaallii fudhachuu dhoowwuu
  • Biiroodhaaf kafalchiisuu ykn kafaltii biraa nama talaallii argatuuf yoo tajaajilli dhiyaate talaallii COVID-19 kennuu qofa yoo ta'e.
  • Tajaajiloota dabalataa gaafachuu akka namni talaallii COVID-1u fudhatuuf; garuu, tajaajiloonni fayyaa dabalataa yeroo dhuma sana kennamuu fi addatti kafalchiisun ni danda'ama.

Dhiyeesitonni talaallii COVID-19 vaccination waantota kanaa gadii gochuu ni danda'u:

  • Kafaltii sirrii ta'e karoora ykn sagantaa fudhataa irra gaafachuu (fkn: inshuransii fayyaa dhuufaa, Medicare, Medicaid) kafaltii talaallii kennuutif. Garuu, dhiyeessitoonni gatii talaallii hafe kafalchiisuu hin danda'an.
  • Fudhatoota inshuraansii hin qabneef Bulchiinsa Qabeenya fi Tajaajiloota Fayyaa Sagantaa Namoota Inshuransii hin Qabnee COVID-19 (Health Resources and Services Administration's COVID-19 Uninsured Program) irraa kafaltii gaafachuu.

Fayyaan Hawaasaa– Siyaatil & King Kaawuntii fi wareen biraa kilinikoota talaallii bilisaa kennaa jiru. Tamsaasni madaalawaa ta'e waan dursi kennamuuf kilinikoota kanaaf. Odeeffannoon dabalataa Fuula King Kaawuntii keessatti Talaallii fudhachuu keenya irratti argamuu ni danda'a.

Talaallii argattan irratti murta’a. Talaalliin COVID-19 Johnson & Johhson qooda tokko qofa barbaachisa tika guutuuf. Talaalliiwwan Pfizer fi Moderna qooda ykn qixa lama akka fudhatamu gaafata. Talaalliin lilmee duraa akka qaamni sirna ittisa dhukkubba ijaaruu eegalchiisa. Lilmeen talaallii lammataa imo ittissa guddisee tiskuu xumura.

Lilmee talaalli lammataa guyyaa 21 ykn 28 eega ka duraa fudhateen booda siif keennamuu qaba talaallii siif keennamu irraati hundaa’ee. Talaalliin lamaan argatu kan akka tokkoo tahuu qaban. Yeroo lilmee talaalllii duraa argatu, haakimni talaallii siif keenne yoo talaalliin lammadaa isin barbaachisee fi yoom akka argatan siif hima.

Sagantaan talaallii lammaffaa argachuuf gorfamu talaallii Pfizer yif guyyoota 21 erga talaallii jalqabaa fudhatanii fi talaallii Moderna tif guyyoota 28 erga talaallii jalqabaa fudhatanii. Talaallii lammataa anga danda’ametti yeroo sanatti fudhachuun haalan gaaridha, garuu talaalliichi bu’a qabeessa otuma talaalliiwwan lamaan walakaa guyyootin baay’een darbaniillee. Talaallii lammataa argachuu qabdu otuma guyyaan gorfame darbeellee.

Namootni tokko tokko erga waraanatanii booda mallattoowwan akka bowwoo, dhukkubbii arkaa, dadhabuu, oo’aa ykn dhukkubbii qaamaa guyyaa muraasaaf qabaachuu danda’u. Mallattoowwan kun bayyinaan erga lilmoo lammataatin booda ta’u. Kun martuu mallattoo qamni sirna dhibeerra of tiksu tika ol guddisaa jiraachuu isaati agarsiisa. Kuni waan baratamadha akkuma yeroo talaallii biraa hedduminnaan fudhataman eega fudhataniin booda argamuu danda’a argama.

Anaphylaxis – aalarjii amaa – erga talaallii COVID-19 argatanii booda waan yeroo baay'ii hin mul'dhannee dha. Namni erga talaallii COVID-19 fudhatee booda alarjii amaan mudate martuu guutudhumaan fayye akka odeeffannoo jirutti, fi duuti hin dhalanne. Carraan dhukkubii fi du'atii COVID-19 irraa carraa talaallii fudhachuun booda aalargii amaa nama mudachuu ykn rakkoo biraaf saaxilamuu irra baay'ee ol'aana dha.

CDCn odeeffannoo dabalataa aalarjii amaa (anaphylaxis) fi aalarjii biraa talaalliiwwan irratti gabaasa base:

CDCn Johnson & Johnson iif dhiyeenyatti gabaasa walfakaatu ni basa. Qorannoowwan kilinika irratti, anaphylaxis erga talaallii Johnson & Johnson waan dadarbee fageenyan dhalatu dha.

Namoonni baay'en anaphylaxis mudate talaallii erga fudhatanii daqiiqaa 15 keessatti mallattoowwan agarsiisu. Dhukkubbissattoonni kun martuu yoosuu akka mallattoowwan agarsiisaniin epinephrine dhaan yaalamu.

Bakkeewwan talaallii martuu ogeeyyii fayyaa anaphylaxis adda baasuu fi deebii kennuudhan leenji'an qabu. Namoota maraa erga talaallii COVID-19 argatanii daqiiqaa 15 iif yoo barbaachise gargaarsa kennuuf to'atu.

Dalagaatti deebi'uu ni dandeessu fi qobaa kaa'amuu talaalliin kenname guyyoota xiqqaa keessa hin qabdan, YOO:

  • Nama COVID-19 qabuun walqunnamuu baatte FI
  • Fayyaan yoo isinitti dhagayamee fi wanneen yeroo maraa godhaman kan akka dalagaa gochuuf eeyyamtan FI
  • Oo'aa qaamaa qabaachuu yoo baattan FI
  • Mallattoowwan warra erga talaalliin COVID-19 fudhatamee kan argamu qofatti daaga'amani (asitti tarra'amani, dhukkubbii, dhiita'uu, dadhabuu, qorra, bowwoo) FI
  • Mallattoowwan COVID-19 biraa kan akka qofaa, afuurri cituu, dhukkubbii qoonqoo, ykn jijjiirama fuunffachuu fi dhamdhamuu hin qabaanne.

Madda gargaarsotaa dabalataa:

CDC: Talaalliin booda waantoota ilaalcha keessa galan Hojjatoota Kunuunsa-Fayyaatif
CDC: Talaalliin booda waantoota ilaalcha keessa galan Jiraatota Bakkee Kunuunsa Yeroo- Dheeraa

Buuffanni Ittisaa fi Too’anna Fayyaa (CDC) meeshaa smartphone bu’uura godhate kan bilaachaa V-safe tolchee jira kan barruudhaan dhaamsa ergu fi qorraanna sariittii qabu akkaa dhuunfaan namu eegaa talaalli COVID-19 fudhateen booda. V-safe dabalataanis akka lilmee lammataa argatu si yaadachiisa. Akka sagantaa kana keessatti hirmaattaan isin gorsina. Hedu barachuuf www.cdc.gov/vsafe.

Eeyyee, torbaan lamaaf. Guututi ifirraa ittisuu hin dandeetu haga dozii lammataa walitti aanu kennamu (kan akka Moderna fi Pfizer) fudhatee torbaan lama booda malee ykn eega talaalli dozii tokkoo (akka J&J) fudhatee torbaan lama booda malee. Akkasumas dabalataan wanti barataa jirru, hagam takka talaalliin akka dalagu namoonni talaallii COVID-19 fudhatan namoota biraatti dabarsuu dhoorku fi hagam takka coronavaayrasii haala jijirate kan King Kaawuntii keessa nanahaa jirachuun beekamu iraatti hagam takka akka dalagu.

Erguma guutudhaan talaallii fudhataniillee, maaloo daddarbuu COVID-19 dhoowwuf bakkeewwan hawaasaa mana keessatti haguuggii uffadhaa. Daldalli ykn dhaabbanni kamuu haguuggiin akka uffatamu fi/ykn fageenya gaafachuu ni danda’u. Laala kingcounty.gov/masks odeeffanno dabalataaf.

Oduun gaariin eegaa guututti talaallii fudhaaten booda, wantoota hedu deebitee godhuu dandeeta kan sababaa golfaatiin dhaabatee ture. Dabalatan Fuula King Kaawuntii keessatti Talaallii fudhachuu irraa baradhaa.

Waraqaa Odeeffannoo: Gorsoota Fayyaa Hawaasaa: Erga Talaallii COVID-19 booda

Talaalli COVID-19 kaa qoraannaan kee positive tahu hin godhu qoraannoota afaani amma infeekshiin ittiin laalaa jiraniin.

Qoraannaan ittiisa dhukkuba qaamaa ykn antibody akka namani tokko raayrasiidhaan ykn bakteeriyaadha qabamee dhiigaa keessaa laala. Sirni dhibeerra ofi tiksuu qaama ykn antibodies talaallaa faayda qabeessa yeroo fudhatin mul’ata. Yoo qaamni keessaa sirni dhibeerra ofi tiksuu qaama ykn antiibodiis mul’isee talaallii COVID-19 fudhataniif, yeroo qoraannaa COVID-19 laalmatan deebiin positive tahuu hindandaya garii sirna dhibeerraa ofi tiskutiif.

Eeyyee, COVID-19 siqabeefi si qabu baatus, talaallii fudhaachuu qabda. Eegaa COVID-19 si qabtee irraa baraarteen booda, yeroo hagamii akka itti famtu, ogeeyyoleen hanga ammaati hinbeekan. Yoma COVID-19 irraa fayyittees, virus COVID-19 fiduun qabamuun keen ni mala.

Talaallii kan fudhattu dirqama yeroo turtii kophaa ykn addaa erg xumurteen booda, yoo mallattoo hamaan sirratti hin argamne ta’eedha. Talaallii fudhachuun dura irraa deebi’iin COVID-19 qoraachun ykn ilaallamun si hin barbaachisu.

Yoo COVID-19niif monoclonal antibodies ykn convalescent plasma dhaan wal’aanamte taatee, talaallii COVID-19 argachuudhaaf guyyoota 90 eegu qabda. Yoo wal’aansa argate hin beekne tahe ykn gaafiwwaan dabalataa waa’ee talaallii COVID-19 qabate doktora keetiin hasawi/dubbadhu/.

Hojjachistonni baay’een talaallii VOVID-19 gaafachuuf murteessaa jiru, fkn Bulchaan hojjatootaa Isteeta Waashingtaniif akka talaalliin COVID-19 kan barbaachisu ta’uu isaa ni gaafatan. Isteetni Waashingtan talaalliichaf ammaaf dirqii kamuu yaada keessa galchaa hin jiru, garuu hojjachiistotni gaafachuu ni danda’u. Fayyaan Hawaasaa akka talaalliin COVID-19 kun balaa ka hinfinne, bu’a qabeessaa fii COVID-19 tiin akka nama hinqabnee ittisu, dhibee ir’isu, ciisicha hospitaalaa, fi du’a COVID-19 irraa dhuftu, akkasumas golfaa ammaa kana akkaa dhaabuti gorsa.

Ammatti, mootummaan U.S. namoota Ameerikaa daawwachuu dhufaniif, ykn jiraatota U.S. gara biyya biraa deeman yeroo Ameerikaatti deebi'an talaallii COVID-19 hin gaafatu. Garuu, daandiwwan xiyyaaraa yeroo imaltoonni daandii xiyyaaraa isaanitiin deeman talaallii fudhachuu isanii akka mirkaneessan gaafachuu danda'u. Otoo imala in qindeessin dura, maaloo barbaachisoota nageenya imala mara daandii xiyyaaraa keessan gaafadhaa.

Tamsaassiin talaallii itti fufaa otoo jiruu, biyyoonni biraa fudhatamuu talaallii akka mirkaneeffatamu gaafachuu ni malu otoo imaltoota akka seenan in eeyyamin, garuu biyyi kamuu barbaachissummaa talaallii qaafachuu hin jalqabne.

CDCn imaltoota imala barbaachisoo hin taane akka dhiisan gorsa, fi qajeelcha waa'ee imala biyya keessaa U.S keessatti qoode. Deebiwwan gaafiwwan waa'ee imala dedebi'amanii gaafataman asiitti CDC irraa arguu ni dandeessu.

Namoonni hedduun King Kaawuntii keessatti talaallii hin fudhane ijoollee wagaa 12 gadii dabalatee, isaannan dadhabbina dhukuba ittisuu qaamaa qaban, namoota tajaajilaa argachuuf danqaan itti jiru, akkasumas jiraatota sirna tajaajila fayyaa fi ykn mootummaa eegaa rakkinni sanyummaa ykn miidhaan irraa gaheen booda amaantaa dhabaniif.

Tokkoon tokkoo namoota hawaasa keessa Jiran ittisuuf, talaallii fudhachu dandeeta(Yoo fudhachuu dandeete), muxannoo kee namoota biroof qoodi, akkasumas gaafii isaanii deebisuuf affeeri, qorannoo godhi eega malllattoowwan COVID-19tin ykn COVID-19 saaxilamtee booda, ammas murtillee namootaa gargaari akka if ittisaniif. Namoonni talaalli hin fudhatin Qajeelfama Isteeta Waashingiton/Washigton state guidance/ jala deemuu itti fufi nagaa taatee turuufii akkasumsa akka COVID-19 hin tatamsaanee dhoorkuuf.

  1. "Galmee Talaallii Kootii (My Immunization Registry)" (MyIR) Isteeta WA irraa talaallii keessan ilaalaa. Yoo galmooftan, galmee talaallii keessanii ilaaluf, fi achiin maxxansuu fi suuraa kaasu ykn suuraa odeeffannoo tiif  MyIR keessa galaa (Ingiliffaan). Yoo akkaawuntii qabaachuu baattan, MyIR if galmaa'uu (Ingiliffaan) ni dandeessu yeroo kamuu.
  2. Waraqaa ragaa talaallii argachuuf galmee Talaallii Isteeta WA gosa bilbila harkaa fayyadamaa, MyIRmobile (Ingiliffaan). MyIRmobile galmeewwan maqaa, guyyaa dhalootaa, bilbila, fi imeelirratti hundaa'etti walitti-firoomsa. Dhimmoota walitti-firomsutiif, For matching issues, bilbila harkaa MyIR keessatti ergaa barreeffamaa fayyadamuu ni dandeessu ykn 833-VAX-HELP bilbilaa. Gargaarsi turjumaanaa ni jira.
  3. Yoo hakima keessan biratti talaallii fudhattan, biiron hakimaa garagalchaa ragaa keessanii isinii kennuu danda'uu qabu.
  4. Gara bakkee talaallii itti fudhataniitti deebitanii to'ataa kilinikaa kaardii haaraa gaafachuu ni dandeessu. Ilaalanii kaardii haaraa isninii uumuu ni danda'u.