Skip to main content
King County logo

Odeeffannoo dogoggoraa kan waa’ee nageenyumaa talaallii koronavaarasii salphaati argamu. Odeeffannoo dogoggoraa gariin sududa irraa fii dubbii afaaniti faca’aa jiru kan akkaan nama yaachisu ykn ka nama rakkisu. Maal akka amanan nama dhiba, kanaaf dhugaan jiru akka namaa galuu qarqaaruuf peejii kana tolchinee jirra.

DHUGAA: Talaalliiwwan COVID-19 jiinota ykn DNA keessan hin jijjiiran.

Odeeffaannoo dogoggoraa: Sodaan jirtu talaalliin kun DNA namaa jijjiruu danda’a akkasumas namummaa yookan amala namaa jijjiru danda’a, yookan dhaloota maati kan dhufu jijiruu danda’adha.

Dhugaa: Talaalliiwwan Moderna fi Pfizer lachuu RNA ergamaa (ykn mRNA), qabiyyee qaamni keenya uumamaan uumu fayyadamu. mRNAn farra-qaamawwanii fi seelota biraa dhibee-falman tolchuun qaamota keenya akka nu tiksan barsiisu.

mRNAn talaallii COVID-19 irraa giduu seelii keenyaa gonkumaa hin seenu – bakka DNAn keenya kaa’amu. Kana jechaan mRNAn DNA keenya irratti dhiibbaa fiduu hin danda’u. mRNAn tokkicha seelota barsiisuu xumurraan, inzaaymoonni mRNA caccabsuudhaan akka inni Kanaan booda qamoota keessa hin jiraanne ni taasisu.


DHUGAA: Talaalliiwwan COVID-19 dhibee koronaavaayirasii isin hin qabsiisan.

Odeeffaannoo dogoggoraa: Odeeffaanno dogoggoraatu hanga ammatti jira tan talaallliin COVID-19 tiini COVID-19tin si qabsiisuu danda’a jetu.

Dhugaa: Talaalliiwwan COVID-19 kamuu keessa koronaavaayirasiin hin jiru. Talaallii fudhachuu dhan koronaavaayirasii argachuu hin dandeessan.

Talaalliiwwan seelota qaama keenyaa pirotiinii gubbaa vaayirasii COVID-19 iiratti argamu fakkaatu akka tolchuu barsiisu. Ergoota dabarsuuf, talaalliiwwan RNA ergamaa (mRNA) ykn vaayirasii qufaa jijjiirame ijaa fayyadamanuuf dhukkubbiif ka’umsa tas’uu hin danda’u. Qaamni keenya pirootinii sana adda baasuu ijaa baruuf yoo vaayirasiin COVID-19 qaama keenya seene deebii ofi tiksu kenna.


DHUGAA: Talaalliwwan COVID-19 mallattoo akka utalloo hama qabsiisu danda’a garu dhukkubni hamaan yeroo heddu irraa hin argamu.

Odeeffaannoo dogoggoraa: Oduun dogoggora tan talaalliin yeroo hedduu adanyoo yookaan alaarjii hamaa anaphylaxis jedhamee beekamu fiddi kan namoota heddu garmalee dhukkubsitu.

Dhugaan: Dhiibbawwan cinaa kan akka bowwoo, dhukkubbii harkaa, dadhabbii ykn oo’aa qaamaa erga talallii fudhatanii guyyaa tokko ykn lama booda isin mudachuu mala. Garuu dhiibbawwan kun yeroo dheeraa kan hin turreefi mallattoowwan akka talaalliin hojjata jiru agarsiisanidha.

Deebiwwan aalarjii hamaan (anaphylaxis) baay’ee xiqqaadha, garuu ta’uu/uumamuu ni danda’a, keessattuu namoota haalota aalarjii amaa durumaanuu qaban irratti. Martuu yaalamuu ni danda’u.

Akkuma carraa yoo waa dhalateef ofi’eeggannoon qophaayeti jira. Erga talaallii fudhatanii booda, akka aalarjii amaa talaalliichaaf hin qabne ilaaluf kilinika keessa daqiqaa 15f akka turtan gaafatamtu.

Yoo ka alaarjii hamaa talallii doozii duraa irraa argatu tahe, ka lammataa fudhachuu hin qabdu. Waa’ee talaallii odeeffaannoo dabalataaf, qajeelchuma CDC guidance kana laali.


DHUGAA: Talaalliin COVID-19 chiipsiiwwan ittiin toohatan, seelii namaa, waantoota booyyee irraa dalagaman, sibilota miidhaa qaqabsiisan yookan qabiyyeewwan summii hamaa nama miidhan qaban if keessaa hin qabu.

Odeeffaannoo dogoggoraa: Interneetiin kijibaan waan talaallii keessaa jira jedhamu dubatamuun guutudha.

Dhugaa: Waantii furtuun talaalliiwwan Pfizer fi Moderna lachuu keessa jiru wanta sanyii (genetic) mRNA jedhamuu dha. Talaalliiwwan zayita, soogidda,acetic acid (qabiyyee Vinegar keessaa isa guddaa) fi sukaaras ni qabu. Talaallii Johnson & Johnson (J&J) keessatti, qabiyyee furtuun vaayirasii qufaa barameeti garuu akka nama hin dhukkubsineef kan jijjiiramee dha. mRNAn seelota keessan akkatti COVID-19 beeku itti himeeti dhukkubii irraa isin tiksa. Talaalliin J&J waantota tasgabbii kennanis ni qaba (soogiddoota, alkoolota, polysorbate 80, hydrochloric acid) fi amino acids.

Talaalliiwwan kun qabiyyeewwan chiipsii dinnichaa giddu-galeessa tii gadi qabu!


DHUGAA: Golfaa dadaffitti dhaabuuf, talaallin COVID-19 nama hunda gargaara. Talaallii fudhachuun hospitaala ciisuufii dua namoota garee akkaan saxilamoo tahanii ir’isa, hawaasa walgita malee golfaadhan midhaman dabalatee.

Odeeffaannoo dogoggoraa: Seenaa turee fii sanyummaa dhoysaa tajaajila fayyaa fii fayyaa hawaasa xinxallaa keessaa galchuun, namoon yaaddoo qabataama tahe qaban waa’ee madaalawa talaallii tolchuu fii keennuu ilaalchisee, eennutu yaalii talaalliitti dabalamaa fii hin dabalamnee dabalate. Gaafiwwan heedduun waa’ee hawaasa cunqurfamanii nanawaa turte yoo yaaliin qormaataa irraatti godhame, yookaan dubbachuudhafi kan akka nama Gurraachaa, Laatiinoo, akkasumas dhalataa biyyaatii guutumaan guututti yoo yaalii talaallii irraa alatti hafan.

Dhugaa: Otoo talaalliiwwan COVID-19 hin hojjatamin, dammaqsitootni fi warri namootaf dubbatan miidhaa dhaabbatoota fayyaa fi mootumman seenadhaanis ammas gurraacha, dhalataa biyyaa jalqabaa, fi adii hin taane irra ga’erratti yaaddoo qaban kaasaniiti turan. Carraaqqii isaanitiif haa toluu namootni kuma kudhaniin lakkaawwan qorannoo talaallii COVID-19 irratti hirmaatan uummata keenya adda addaa kan calaqisu dha. Talaalliiwwan kun sanyii fi gosa maraaf bu’a fi naga qabeeyyidha.

Dabalataan uummatni adii hin taane omishuu talaalliiwwanii keessatti ga’eewwan ooggantummaa xabatanii jiru. Fakkeenyaf, Dr. Kizzmekia Corbett, saayintistiin guraattii qo’annoo talaallii koronaavaayirasii tif dursituu Inistiitutii Fayyaa Biyoolessaa ti.

Gurraacha, Dhalataa Ameerikaa jalqabaa, Latino, fi hawaasonni Pacific Islander King Kaawuntii keessatti hoospitaala seenu fi du’aatii COVID-19 sababeeffateef lakkoofsa oli’andhaan isan mudate. Hawaasonni kun warreen tika talaalliin kennu haalan fayyadamni keessa jiru.